Damee AL-Furqaan tana keessatti Qur'aana qubee irraa kaasee hanga Hifzitti fi Barnoota Shari'aa Islaamaa ni barsiisna.

Damee AL-Furqaan kana keessatti Qur'aana huruufa irraa jalqabee talqiinaa fi tajwiidaan hanga hifzitti fi Barnoota Shari'aa kitaabota garaa garaa ni barsiisna waan taheef koottaa waliin taanee barnoota diinin if ijaarraa.

Qaa'idatu-zzahabiyyaan Qaai'idaalee jiran keessaa akkaan bareedduu tan taatee fi barnoota qubeewwan afaan arabaa haala bareedaan dubbisuu fi qur'aana sirnaan qara'uuf tan si gargaartuudha, Qaa'idaan tun qur'aana Tajwiidaan bareechitee baruuf tajwiidaan tan wal qabattuudha

Qur'aana lafzii barachuu jachuun: Qur'aana ijaan jalqabarraa kaaftee guutuu isaa barattee xumuruu jachuudha, kana baratte jachuun waan dirqama namni islaama tahe tokko barachuu qabu irraa isa bu'uraa fi kan jalqabaa ta'e baratte jachuudha.

Barattoota Markazul-Furqaanitti Qur'aana Haffazanii Sagantaa تجويد القرآن  irratti hirmaachaa jiraniif kan qophaaweedha

Faayidaa Nahwii barachuun qabdu keessaa; Arraba dogongora irraa eeydi haasawa afaan Arabaa keessatti akkasumas Qur'aana Rabbii fi Hadiisa Rasuula gafi fageenyaan akka hubachuuf nu fayyada. Kanaafuu barnoota nahwiitiif bu'ura kan tahe Matnii Aajarruum tana haa barannuu.

Qur'aana Rabbii gaafa ijaan qaraatee xumurte booda Rabbiin siif laaffisee yoo qomatti qabattee ergasii hiikkaa isaa baratte, barnoota diin islaamaa irraa imaama tokko dhooytee jirta kanaaf namni Rabbiin siif laaffise hiikkaa Qur'aanaa baradhuutii waan Rabbiin keenya S.W. ja'e sirritti hubattaa.

Tajwiidaa fi talqiina jachuun: Qur'aanaa sirritti akka rabbiin buusetti tolchanii qara'uuf leenjii fi barnoota seera tajwiidaatiin Wal qabatu fudhachuu fi barachuu jachuudha,kuniis sadarkaa qulqullina qaraatii Qur'aanaa keetiiti siif dabala.

Sheek Useymiin akki jedhe; Seenaa Nabiyyii baradhaa qajeeloo taatanii, ni milkooytanii. Lubbuu tiyyaa fi teeysanii siiraa nabiyyii barachuun dhaama, seenaa nabiyyi beekuun itti hidhannoo gaarii argatta, Jaalalli rasuulaaf qabduu fi iimmaanni keetis siif dabalama, Seenaa Rasuula barattee isatti hidhannaan duniyaa fi aakhiraa milkooyta.

Hifzii jachuun: Qur'aana sammuutti qabattee akka sijalaa hin banne eeggachuu jachuudha,Qur'aana haffazuu fi isaas eeggachuun rabbi biratti waan sadarkaa guddaa si argachiisu keeysaa isa guddaadha. 

Buluugul maraam kan dubbatu ykn sibarsiisuu: waa'ee fiqhiiti fi waa'ee seeroota shari'aa ilaalchisan kan akka ibaadaa bittaa fi gurgurtaa akkaataa fuudhaa fi heeruma shari'aa fi kkf shari'aan maal akka jattu kitaaba barsiisuudha.

Tokkichummaa Rabbii fi haqa inni gabroottanirraa qabuu fi akkasuams haqa gabroottan isarraa qaban ammas hundeewwan sadan namni muslimaa barachuun irratti dirqamaa ragaa isii wajjiin kan kitaaba kana keessatti barannudha, barannee barnootaan if haa jaarruu!

Riyaadus-saalihiin keessatti Waa'ee Akhlaaqa toluu, obsuu fi haadhaa fi abbaatti tola ooluu akkasumas waan duniyaa fi aakhiraa barachuudhaan si fayyadu heedduu if keessaa qaba, kanaafuu baradhuutii barnoota amantii islaamaatiin jiruu tee jijjiiri.

Aqiidaan irra sadarkaa qabaataa barnoota hundaati, sababnis waa'ee Rabbii barachuu waan qabduuf, kanaafuu Aqiidaa barachuun karaa sirri Rabbi beeytee itti gabbartu irra waan si keeysuuf akkaan barbaachistuudha. Haa barannuu !