AL-Furqaan Academy

AL-Furqaan Academy kana keessatti barnoota shari'aa Qur'aana irraa jalqabee kitaabota garaagaraa dabalatee haala gaariin kan barsiifamuudha. Innis waggaa lamaaf kan Baratamuudha haallii barnootaa battallee fi qormaata xumuraa kan qabuudha  namni barnoota haala gaariin hordofee qabxii bareedaa fiduun xumure waraqaan ragaa (certificate) ni kannamaafi

وقراءة القرآن فضلها عظيم، بها يحصل المسلم الحسنات، وينال الأجر العظيم، وفي ذلك يقول النبي صلى الله عليه وسلم: «من قرأ حرفًا من كتاب الله فله به حسنة، والحسنة بعشر أمثالها، لا أقول (الم) حرف، ولكن ألف حرف، ولام حرف، وميم حرف»، ولحافظ القرآن أجر عظيم عند الله؛ فإن القرآن يشفع لصاحبه يوم القيامة، ويعلي منزلته ودرجته في الجنة؛ فيكون مع الملائكة السفرة الكرام البررة. ومن فضائل تعلم القرآن وتعليمه: أن جعل الله مَن تعلم القرآن وعلمه غيره خير الناس وأفضلهم

Aqiidaan irra sadarkaa qabaataa barnoota hundaati, sababnis waa'ee Rabbii barachuu waan qabduuf, kanaafuu Aqiidaa barachuun karaa sirri Rabbi beeytee itti gabbartu irra waan si keeysuuf akkaan barbaachistuudha. Haa barannuu !

Buluugul maraam kan dubbatu ykn sibarsiisuu: waa'ee fiqhiiti,ykn waa'ee seeroota shari'aa ilaalchisan kan akka ibaadaa,Gurgurtaa fi bittaan,fuudhaa fi heerumni,fi kkf shari'aan maal akka jattu kitaaba barsiisuudha.

Fiqhiin beekkumsa Seerota Shari’aa Kanneen Hojii (Dalagaan) Wal-Qabataniiti.
Fiqhiin Waa’ee Seerotaa Waan Barsiisiisuuf seerota  (الأحكام) Jedhamuunis Ni Waamama

 Fiqhiin wanti kaa'ameef

Hojiilee warra dirqamsiifame gama waan isaaniif dhiyaate irraa kan akka dirqama, sunnaa, dhorkaa, jibba, hayyamamuu fi wantoota biroo kan akka wanni sun fayyaa tahuu fi baduu nu hubachiisuufi. Kana hunda adda baafachuuf barachuutu nu barbaachisa

Sheek Useymiin akki jedhe; Seenaa Nabiyyii baradhaa qajeeloo taatanii, ni milkooytanii. Lubbuu tiyyaa fi teeysanii siiraa nabiyyii barachuun dhaama, seenaa nabiyyi beekuun itti hidhannoo gaarii argatta, Jaalalli rasuulaaf qabduu fi iimmaanni keetis siif dabalama, Seenaa Rasuula barattee isatti hidhannaan duniyaa fi aakhiraa milkooyta.