
Qur’aana kabajamaa qara’uu fi haffazuun hojii gaggaarii irra jaalatamtuu gabrichi Rabbii isaa S.Wtti dhihaatee gammachuu Isaa ittiin argatu keessaa isa tokkodha. Qur’aana kabajamaa yeroo hunda qara’uun ajrii hedduu qaba, kana malees Jireenya gaarii jiraachuuf, Jannata seenuuf, Jahannam irraa fagaatuuf sababa ta’a. Duniyaa fi aakhirattis sababa gammachuuti.

Aqiidaan irra sadarkaa qabaataa barnoota hundaati, sababnis waa'ee Rabbii barachuu waan qabduuf, kanaafuu Aqiidaa barachuun karaa sirri Rabbi beeytee itti gabbartu irra waan si keeysuuf akkaan barbaachistuudha. Haa barannuu !

Buluugul maraam kan dubbatu ykn sibarsiisuu: waa'ee fiqhiiti,ykn waa'ee seeroota shari'aa ilaalchisan kan akka ibaadaa,Gurgurtaa fi bittaan,fuudhaa fi heerumni,fi kkf shari'aan maal akka jattu kitaaba barsiisuudha.

Fiqhiin beekkumsa Seerota Shari’aa Kanneen Hojii (Dalagaan) Wal-Qabataniiti.
Fiqhiin Waa’ee Seerotaa Waan Barsiisiisuuf seerota (الأحكام) Jedhamuunis Ni Waamama
Fiqhiin wanti kaa'ameef
Hojiilee warra dirqamsiifame gama waan isaaniif dhiyaate irraa kan akka dirqama, sunnaa, dhorkaa, jibba, hayyamamuu fi wantoota biroo kan akka wanni sun fayyaa tahuu fi baduu nu hubachiisuufi. Kana hunda adda baafachuuf barachuutu nu barbaachisa

Sheek Useymiin akki jedhe; Seenaa Nabiyyii baradhaa qajeeloo taatanii, ni milkooytanii. Lubbuu tiyyaa fi teeysanii siiraa nabiyyii barachuun dhaama, seenaa nabiyyi beekuun itti hidhannoo gaarii argatta, Jaalalli rasuulaaf qabduu fi iimmaanni keetis siif dabalama, Seenaa Rasuula barattee isatti hidhannaan duniyaa fi aakhiraa milkooyta.