
Markazul Furqaan Giddu gala barnoota Qur’aanaa beekkamaa yoo ta’u, bara 1998 (2006 GC) Chiroo, Oromiyaa keessatti hundaa’e. Qur’aana bifa qulqullina isaa Eeggateen barsiisuu fi haafizoota hedduus oomishuun iddoo guddaa qaba.
Barnoonni keenyas ijoollee irraa kaasee hanga nama guddaa, Walumaagalatti namoota hundaaf kannamuuf kan qophaawe yoo ta'u, kuniis Qaa’idatu Nuuraniyyaa irraa eegalee hanga Hifzii (Yaadannoo Qur’aanaa guutuu).
Akkasumas barnoota shari'aatiin wal qabatee kitaaboota hadiisaa, fiqhii, aqiidaa, tafsiiraa, siiraa fi kkf garaagaraa dabalatee kan kennu ta'uu isaati, kuniis barattoonni keenya Qur’aana sirnaan dubbisuu, hubachuu, fi jireenya isaanii keessatti hojiirra oolchuu akka danda’an isaan gargaara.
Markazul Furqaan iddoo sirrii ta’eefii, barsiisota muuxannoo qaban waliin Qur’aana sirnaan barachuu barbaadduu? Deebiin kee eeyyee taanaan har’uma bilbila fi linki whatsapp as gadii kanaan nu qunnamtanii barnoota Qur’aanaa keesaan as irraa jalqabu dandeessu.